Finfinnee, Mudde 22, 2018 (FMC) – Waancaa Afrikaa 35ffaa qopheessummaa Moorokoon taphatamaa jiruun har’a taphoonni ramaddii xumuraa 4 ni taphatamu.Har’a galgala sa’aatii 1:00 eegalee Ikkuwaatooriyaal Giiniin Aljeeriyaa, Sudaan ammoo Burkiinaa Faasoo waliin taphatu.Halkan sa’aatii 4:00 jalqabee Gaaboon Kootidivowaar, Moozaambiik ammoo Kaameeruun waliin morkiin taasisan ni eegama.Ikkuwaatooriyaal Giinii fi Gaaboon taphoota lamaan darban injifatamaniiru.Boostuwaanan biyya qabxii tokkooyyuu osoo hin argatin morkicha keessaa gaggeeffamteedha.Taphoonni ramaddii har’a kan xumuramu yoo ta’u, boqonnaa guyyoota lamaa booda Sanbata duraa taphoonni moo’anii darbuu ni eegalama.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.