Finfinnee, Mudde 22, 2018 (FMC) – Galmee Siiviilii fi maatii Diijitaalaa saffisiisuun Tarsiimoo Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf qooda olaanaa qaba jedhe Tajaajilli Immigireeshinii fi Lamummaa Itiyoophiyaa.Galmeen Siiviilii fi Maatii diijitaalaa imala Iyiyoophiyaa saffisiisuun fi lammiilee haalaan tajaajiluuf tattaaffii godhamu caalmaatti tumsa jedhan Daayrekterri Olaantuun tajaajilichaa Salamaawiit Daawiit.Ragaaleen galmee Siiviilii fi Maatii ijaarsa sirna eenyummeessaa diijitaalaa fi imaammata bocuuf gumaacha olaanaa qabaachuu kaasan.Hojii galmee Siiviilii fi maatii Tarsiimoo Diijitaal Itiyoophiyaa 2030’n tumsuun milkiin xumuruuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu eeran.Sirna galmee siviilii fi maatii sirna dijitaalaayizeeshinii cimaan deeggaramee diriirsuun bulchiinsa, haqaa, karoora fi misooma keessatti gahee bakka hin buune qaba jedhan.Nageenya biyyaa mirkaneessuu fi sochii lammiilee idil-addunyaa mijeessuuf gumaacha olaanaa kan taasisu ta’uu hubachiisan.Sirna galmee siiviilii fi maatii walfakkaatu guutuu Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oolchuuf ciminaan hojjechuun itti fufa jedhan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.