Nageenya daandii fooyyessuuf kutannoon ni hojjetama- Aadde Caaltuu Saanii

Wait 5 sec.

Finfinnee, Mudde 24, 2018 (FMC) – Mootummaan nageenya daandii fooyyessuun sadarkaa biyyaalessaatti suphaa daandii si’ataa mirkaneessuuf kutannoon hojjechaa jira jedhan Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saaniin.Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa dhaabbilee daandii naannoleef konkolaataafi doqdoqqee deeggarsaan kenneera.Aadde Caaltuu Saaniin wayita kana deeggarsichi kutannoo mootummaan nageenya daandii fooyyessuuf, dandeettii dhaabbattummaa cimsuufi suphaa daandii saffisuuf qabu kan agarsiisudha jedhan.Dandeettii raawwachiisummaa pirojektii dhaabbilee daandii naannolee fooyyessuuf kan gargaaru ta’uus dubbataniiru.Sagantaa walitti hidhamiinsaafi waliin ga’iinsa daandii baadiyyaan hawaasa baadiyyaa walitti hidhuun guddina diinagdee dadammaqsuuf faayidaa olaanaa qabaachuus eeraniiru.Deeggarsichi konkolaattota Haardi Tooppii 28 fi Doqdoqqeewwan 130 deeggarsa Baankii Addunyaarraa argameen Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 20 bitaman akka hammatu ibsameera.Beezaawwit Kabbadaatu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.