Taphoonni Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 10ffaan har’aa eegaluun taphatamu

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 10ffaan morkiin darbii Landan Tootenhaam Cheelsii keessummeessu ni eegama.Har’a waaree booda sa’aatii 12:00 eegalee taphoonni 5 kan taphataman yoo ta’u, Biraayitan – Liidis Yuunaayitiid, Barnileey – Arsenaal, Kiristaal Paalaas – Bireentifoord, Fuulhaam Woolviis, akkasuma Notiingahaam Forst – Maanchiister Yuunaayitiid waliin falmiin taasisan ni eegama.Galgala sa’aatii 2:30 eegalee morkiin darbii Landaan Tootenhaam – Cheelsii waliin taasisu xiyyeeffannoo argateera.Akkasuma halkan sa’aatii 5:00 jalqabee taphni Liiverpuul Astoon Viilaa keessummeessu ni eegama.Boru waaree booda sa’aatii 11:00 jalqabee Weest Haam – Niwuukaasiil waliin yoo taphatu, galgala sa’aatii 1:30 eegalee Maanchiister Siitiin Boornimaawuuz waliin morkata.Wiixata halkan sa’aatii 5 :00 irraa jalqabee Sandarlaand – Eevartan waliin taphata.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.