Guyyaan Alaabaa kabajamaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2018(FMC)- Guyyaan Alaabaa 18ffaan guutuu biyyattiitti sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.Guyyichi mata duree “Alaabaan Keenya bara misiraachoo olka’iinsa Itiyoophiyaa, tokkummaa biyyaalessaa keenyaaf, birmadummaafi haaromsa Itiyoophiyaaf” jedhuun kabajamaati kan jiru.Guyyaan Alaabaa kun hoggantummaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan guutuu biyyattiitti sirnoota garaagaraan kabajamu eegaleera.Dhaabbilee Mootummaa Federaalaa, Naannoleefi Bulchiinsa Magaalotaa Lameen, Kaampiiwwan Raayyaa Ittisaa, akkasumas Embaasiiwwaniifi Miisiyooniiwwan Itiyoophiyaa keessatti sa’aatii 4:30 irratti Alaabaa yaabbisuun, Alaabaa fuulduratti waadaa galuun fi qophiilee garaagaraan kabajama.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.