Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2018 (FMC) – Baankiin Biyyaalessaa yaa’insi sharafa alaa waan itti fufeef bara baajetaa haaraattis sharafa alaa dhiyeessuu cimsee akka itti fufu ibseera.Baankichi caalbaasii sharafa alaa guyyaa boruun geggeessas jedheera.Baankichi caalbaasicha ilaalchisee ibsa baaseen, gartokkee galii sharafa alaa baankotaaf dhiyeessuun isaa dhiyeessii sharafa alaa baankotaa deggeruun sharafa alaa fi gatii tasgabbeessuu dandeessiseera jedhe.Caalbaasii boruu kanaafis Doolaara miliyoona 100 fi Miliyoona 50 kan qopheesse yoo ta’u, qaamoleen caalbaasii kanatti hirmaatan sanada isaanii ganama sa’aatii 4:00 irraa hanga 6:00tti galfachuu akka danda’an ibseera.Caalbaasichi guyyuma kana sa’aatii 9:00 irratti akka ifoomu Baankiin Biyyaalessaa beeksiseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevision Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.