Beeniin yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaaf darbuuf falmiin har’a Naayijeeriyaa waliin taasiftu ni eegama

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2018 (FMC) – Tapha gulaallii Waancaa Addunyaan Beeniin yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaaf darbuuf falmiin har’a Naayijeeriyaa waliin taasiftu xiyyeeffannoo argateera.Biyyi Xiqqoon Afrikaa Keeppi Verdeen waancaa addunyaa bara 2026’f darbuun seenaa galmeessuun ni yaadatrama.Beeniin, Afrikaa Kibbaa fi Naayijeeriyaan ramaddicharraa darbuuf carraa qabu.Beeniin har’a Naayijeeriyaa yoo injifatte Keeppi Verdeetti aanuun biyya seenaa hojjette taati.Afrikaan Kibbaa Ruwaandaa injifattu illee qabxii Beeniin galmeessitu eeggachuuf dirqamti.Beeniin qabxii 17, Afrikaan Kibbaa qabxii 15 fi Naayijeeriyaan qabxii 14 qabachuun tapha har’aa eeggataa jiru.Har’a halkan sa’aatii 1:00 eegalee Beeniin – Naayijeeriyaa fi Afrikaan Kibbaa – Ruwaandaa waliin morkiin gaggeessaan ni eegama.Biyyoonni Afrikaa Waancaa Addunyaa 2026’f kallattiin darban hundi har’a ni beekamu.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.