Finfinnee, Onkololeessa 2, 2018 (FMC) –Irreechi Malkaa Dooshaa fi malkaavOdaa Bulluq Irreeffatameera.Ayyaanni Irreechaa Malkaa Dooshaa, Bulchiinsa magaala Asallaatti haala duudhaa fi safuu isaa eegeen kabajameera..Ayyaanichi mata duree ‘Irreechi Olka’iinsa Biyyaaf’ jedhuun kabajame.Kabaja Ayyaana Irreechaa Malkaa Dooshaarratti Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, kantiibaa magaalaa Asallaa obbo Simee Tsaggaayee ,hoggantoonni magaalichaa, qeerroo fi qarreen , jiraattoonni magaalaa Asallaa fi naannawa ishee akkasumas keessummoonni garaa garaa argamaniiru.Ayyaanni Irreechaa Malkaa Odaa Bulluqis haala duudhaa fi safuu eegeen kabajameera.Abbootii Gadaa, haadhooliin Siinqeefi hawaasni bal’aan bakka argamanitti karaa aadaafi duudhaasaa eegeen gaggeeffamaa jira.Faxxanaa Zawdeetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.