Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2018 (FMC) – Tajaajili Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa guyyaa alaabaa Biyyaalessaa 18ffaa sagantaalee garaagaraan kabajeera.Guyyicha bakka hoggantoonni fi miseensoonni tajaajilichaa aragamanitti kan kabaje.Daayrekteerri itti aanaan tajaajilichaa Sisaay Tolaa ergaa wayirta kana dabarsaniin, Alaabaan Itiyoophiyaa mallattoo aarsaa weerartoota ittisuu fi walabummaa biyyaa eegsisuuf kaffalamee ta’uu ibsan.Miseensonni tajaajilichaas bu’aa biyyaalessaa, walabummaa fi kabaja biyyaa kabajchiisuuf yoo bobba’an mara imaanaa guddaa alaabichaa qabachuun hanga aarsaa ta’uutti gatii kaffalu jedhan.Alaabaan Itiyoophiyaa aasxaa ibsituu eenyummaa lammiilee hunda kaayyoo waloof walitti qabu akka ta’e ibsanii, miseensonni tajaajilichaa gaaddisa alaabichaa jalatti ergama nageenya biyyaa mirkaneessuu haala olaanaan akka raawwatan mirkaneessuu isaanii tajaajilchi odeeffannoo Faanaa Dijiitaaliif ergeen ibseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevision Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.