Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2018(FMC) – Kirkirri lafaa naannoo Afaar aanaa Koonaabaatti mudate manneen 500 ol irra miidhaa qaqqabsiise.Bulchaan Aanichaa obbo Mahaammad Yaahiyyaa Faanaa Dijiitaaliif akka ibsanitti, balaan kirkira lafaa aanichatti mudate bu’uuraalee misoomaafi qabeenya hedduurra miidhaa cimaa geessiseera.Balichi manneen 517 irra miidhuu kaasanii, gandoota Uruhuu fi Edagahaanuu jedhamanitti boolla bishaanii 74 irra miidhaa geessisuu eeraniiru.Balichi oomisha lafa heektaara 10 irratti oomishame mancaasuu kaasanii, masjiidota lamaa fi mana barnootaa daree barnootaa 8 qabus miidhuu ibsaniiru.Balaan kirkira lafaa kun aanichatti kutaalee hawaasaa kuma sadii ol qe’ee isaaniirraa buqqaasuus dubbataniiru.Naannawichatti ammas mallattooleen kirkira lafaa jiraachuu ibsuun, hawaasni iddoowwan saaxilamoo ta’an irraa akka of qusatu hubachiisaniiru.Kutaalee hawaasaa balichaan miidhaman deeggaruufi deebii ariifachiisaa kennuun deebisanii dhaabuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa akka jiru yaadachiisaniiru.Yaasin Nuuruun.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.