Guyyaan alaabaa Imbaasiiwwan garaagaraatti kabajame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2018(FMC) – Guyyaan Alaabaa Biyyaalessaa Imbaasiiwwan garaagaraatti kabajameera.Imbaasiiwwan fi waajjiraalee qontsilaa Itiyoophiyaa biyyoota Chaayinaa, Paakistaan, Kuweet, Xaaliyaan, Zimbaabuwee, Faransaay, Jibuutii, Isiraa’el fi Gamtaa Emereetota Arabaatti kabajameera.“Alaabaan keenya labsii bara olka’iinsaa Itiyoophiyaaf, walabummaa fi Haaromsa Itiyoophiyaaf’’ mata duree jedhuun sagantaalee adda addaan kabajamaa kan jiru yoo ta’u, kabajnifi jaalalli alaabaaf kennamuu qabu yaadatameera.Akkasumas tokkummaa biyyaalessaa fi sabdaneessummaa cimsuuf aarsaa kaffalamaa jiru yaadachuun guyyichi kabajameera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevision Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.