Hojiilee ququllina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaniin qabxiin barattootaa fooyya’aa jira- Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2018(FMC)- Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan hojiilee ququllina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaniin qabxiin barattootaa fooyya’aa jira jedhan.Yaa’iin Barnootaa Sadarkaa naannoo 14ffaan mata duree “ Haqummaafi qulqullina barnootaa ijaarsa dhalootaaf” jedhuun naannoo Gambeellaatti gaggeeffamaa jira.Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ergaa yaa’ii kanarratti dabarsaniin, guddinniifi qaroominni biyyaa kan dhugoomu dhaloota ogummaafi naamusaan gahoome horachuun yoo danda’amedha jedhan.Guddinniifi misoomni waaraan akka mirkanaa’uuf barnoota qulqullina qabu waliin gahuun lammii ofitti amanu horachuun barbaachisaa ta’uus hubachiisan.Haaluma Kanaan waggoottan jijjiiramaa darbanitti hojiilee ququllinaafi haqummaa barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaniin qabxiin barattootaa fooyya’aa jiraachuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.