Inistiitiyuutiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa badhaasa dhaabbata milkaa’aa idil-addunyaa argate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2018(FMC)- Inistiitiyuutiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Addunyaa( FAO) irraa badhaasa dhaabbata milkaa’aa idil-addunyaa argateera.Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Inistiitiyuutichaa Dooktar Maandafroo Nugusee guyyaa har’aa Xaaliyaanii Magaalaa Roomitti argamuun badhaasicha fuudhaniiru.Badhaasichi sagantaalee FAO gahumsaan hojiirra oolchuun misooma qonnaafi baadiyyaa waaraa, wabii nyaataafi kalaqa guddisuun dhaabbileefi namoota dhuunfaa raawwii olaanaa galmeessisaniif kan kennamudha.Inistiitiyuutichi ekisteenshinii qonnaafi oomisha guddisuuf, sirnoota qonnaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatan beeksisuufi damee qonnaan waljijjiirraa beekumsa qonnaa guddisuuf hojii hejjeteen badhaasichi kennamuufii ibsameera.Badhaasichi bu’aa carraaqqii hojjettoota dhaabbatichaafi qaamolee deeggartootaa ta’uu fi yeroo itti aanuttis misooma waaraafi wabii nyaataa qonnaan bultootaafi hawaasa baadiyyaa mirkaneessuuf dhaabbilee deeggartootaa waliin kutannoon kan hojjetamu ta’uun eerameera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.