Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2018(FMC) – Gamaaggamni raawwii hojii Paartii fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa kurmaana 1ffaa bara 2018 Magaalaa Adaamaatti gaggeefamu eegaleera.Dandeetiin raawwachisummaa mootummaa bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan haasawa baniinsa gamaaggamichaarratti taasisaniin.Hoggansi jijjiiramaa qormaatilee garagaraa keessa darbuun gaaffii uummataa deebisuuf milkaa’inoota argamaniin osoo hin qabamne egeree dhalootaaf yaaduun cichoominaa kaka’umsaafi xiiqii ol’aanaan hojjechuu akka qabu hubachiisan.Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromoyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa gama isaaniin, raawwii hojii bara darbee bilchinaan qorannee hojiitti galuun milkaa’inoonni gurguddoo galmaa’aa jira jedhan.Nageenya waaraa mirkaneessuuf caasaa nageenyaa sadarkaan jiru cimsuuf hojiin hojjetame jijjiiramni qabatamaa argamuu eeran.Rakkoo Bulchiinsa gaariifi kenna tajaajilaa fooyyeessuuf wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo magaaloota shan irratti hojii eegalchiisuu ibsan.Gamaaggama hojii kurmaana 1ffaa bara 2018 guyyoota sadiif gaggeefamu kanaan hanqinaalee jiran sirriitti adda baasuun ciminoota itti fuufsiisuuf raawwii olaanaaf galtee akka ta’uutti kan ilaalamu ta’a jedhan.Muluu Waaqshuumeetu gabaase.#Oromia #Ethiopia