Hojiin ijaarsa bu’uuraalee misoomaa ariitiifi qulqullinaan xumuruu cimee itti fufa- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 30, 2018 (FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen hojiin ijaarsa misooma kooriidariifi bu’uuraalee misoomaa biroo eegalaman ariitiifi qulqullinaan xumuruu cimee itti fufa jedhan.Aadde Adaanech Abeebeen har’a ganama pirojektii ijaarsa misooma kooriidarii Uraa’el- Biraas, Boolee Madaanaaliyam- Goolaagulii hanga Eembaasii Ingiliz fi ijaarsa Paarkii Piikook gamaaggamneerra jedhan.Hojiin misooma kooriidarii kun hojii misooma kooriidarii marsaa 2ffaan eegalame isa salgaffaa ta’uu kaasanii, dheerina kiiloomeetira 11.5 kan uwwisuufi giddugaloota tajaajila uummataa garaagaraa kennan kan hammatu ta’uus eeraniiru.Adeemsi ijaarsa isaas haala gaariirra akka jiru kaasaniiru.Dabalataanis Paarkii Piikook misooma qarqara lagaa waliin walitti hidhuun sadarkaa idil-addunyaatti misoomsaa jirra jedhaniiru.Hojiileen misooma kooriidariifi bu’uuraalee misoomaa biroon naannawaa Istaadiyeemii Adey Ababaa Yaa’iin COP32 itti gaggeeffamutti argaman ariitiifi qulqullinaan akka hojjetaman gochuu cimee kan itti fufuu ta’uu ibsaniiru.Yaa’ii kanarratti hirmaattonni hedduun waan hirmaataniif yaa’ichi magaalichatti qophaa’uun ijaarsa maqaa gaarii biyyaarra darbee daldala, invastimantii, carraa hojii uumuu, walitti hidhamiinsa gabaa uumuu akkasumas taateewwan idil addunyaa akka kanaa gara biyya keenyaatti fiduuf gahee olaanaa waan qabuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.Kanaaf jiraattonniifi hawaasni daldalaa carraa gaarii yaa’ichi qabatee dhufutti haalaan fayyadamuufi milkaa’ina isaaf qophii taasisuu akka qaban dhaamaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.