Hawaasni Vaayirasii Maarbargii of irraa ittisuuf tooftaalee to’annoo hojiirra oolchuu qaba- BFO

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 30, 2018 (FMC)- Hawaasni Vaayirasii Maarbargii of irraa ittisuuf tooftaalee ittisaa fi too’annoo vaayirasichaa hojiirra olchuu qaba jedhe Biiroon Fayyaa Oromiyaa.Magaalaa Shaashamanneetti tooftaalee ittisaa fi to’annoo dhibee Vaayirasii Maarbargii irratti sagantaan hubannoo uumuu gaggeefameera.Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa saganticharratti haasawa taasisaniin, Vaayirasiin Maarbargii kan namarraa namatti daddarbu tuttuqaa dhangala’aa garaagaraa qaama namaa keessaa bahuun ta’uu himaniiru.Hawaasni fayyaa isaa tikfachuuf maloota ittisaa fi to’annoo vaayirasii Maarbargii hojiirra oolchuu akka qabus hubachiisaniiru.Mallattooleen akka dhukkubbii mataa, dhaqna gubaa jabaa, dhukkubbii buusaa, balaqqamsiisuu, qaama laaffisuu fi dhiigni kutaalee qaama hedduun dhangala’uun isaan ijoo ta’uu eeran.Naannichaatti Vaayirasii Maarbargii kan hin mul’anee ta’uus, sababa naannoolee ollaatti mudateef of eeggannoo cimaa taasisuu kan gaafatu ta’uu akeekan.Vaayirasicha ittisuufi to’achuuf ogeeyyii fayyaaf leenjii kennuu fi dhaabbilee fayyaa keessatti qophii barbaachiisu hundi xumuramuus eeraniiru.Sagantaan hubannoo uumuu kunis marii paanaalii fi deemsa miilaan geggeeffameera.Lammaa Tasfaayeetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.