Finfinnee, Sadaasa 30, 2018 (FMC)- Mootummaan ida’amuu jiruufi jireenya horsiisee bultootaa tarsiimoon jijjiiraa jira jedhan Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Saadaat Nashaan.Obbo Saadaat Godina Booranaa Bulchiinsa Magaalaa Yaaballootti hojiilee misoomaa garaagaraa hojjetamaa jiran daawwataniiru.Godinichatti tarkaanfii haaraa jallisii bonee, gabbisa horii, ijaarsa kilaastaraa lukkuu fi gama barnootaan hojiin hojjetamaa jiruun jalqabbii gaarii ta’uu obbo Sadaat Nashaa himaniiru.Hojiilee misoomaa jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiran kana milkeessuuf mootummaan naannichaa bu’uuraalee misoomaa kanneen akka ibsaa, bishaanii fi giddugala gabaa mijeessuun tarsiimoon jireenya horsiisee bultootaa jijjiiruuf hojjechaa jiraachuu dubbatan.Misooma hojjetamaa jiru keessatti muuxannoon kilaastara lukkuufi gabbisa loonii bulchiinsa Magaalaa Yaaballootti argame aanaaleefi gandoota hundatti babal’achuu akka qabus obbo Saadaat kallattii kaa’aniiru.Godinichatti hojiileen misoomaa dameelee hundaan eegalameen aadaan hojii horsiisee bultootaa jijjiiramuun carraan hojii uumamee jireenya ummataa jijjiiruu keessatti bu’uurri kaa’amaa jiraachuu Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdisalaam Waariyoo ibsu ragaan BKO ni mul’isa.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.