Seenessi gita bittaa Ijipti laga Abbayyaa irratti adeemsistu yeroon isaa irra darbeera- Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Mudde 2, 2018 (FMC)- Seenessi gita bittaa Ijipti laga Abbayyaa irratti adeemsistu yeroon isaa irra darbeera jedhan Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimookiraasii Dooktar Biqilaa Hurrisaan.Dooktar Biqilaa Hurrisaan yaada Ministirri Dhimma Alaa Ijipti Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa ilaalchisee Kannan balaaleffachuun, Ijpti haasaawwaniifi gochaalee nageenyaafi tasgabbii balaaf saaxilan irraa ofqusachuu akka qabdu hubachiisan.Seenessi gita bittaa Ijipti laga Abbayyaa irratti adeemsistu yeroon isaa irra darbuu yaadachiisanii, Ministirri Dhimma Alaa biyyattii ejjennoon Itiyoophiyaa tarkaanfii moggaatti bahedha jechuun isaanii dhugaa yeroo ammaa kan hin madaalleefi yaadama gita bittaati jedhan.Seenessi Ijipti laga Naayil irratti ani qofti olaantummaa haa fudhadhu jedhu fudhatamummaa kan hin qabne ta’uufi yaadamni akka Kanaa biyyarra darbee tasgabbii naannawaa yaaddoo keessa akka galchu dubbataniiru.Yaadni Minnistirri Dhimma Alaa biyyattii faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan faallessuufi fudhatamummaa kan hin qabne ta’uus eeraniiru.Laga Naayiliif qooda guddaa kan gumaachitu Itiyoophiyaan qabeenya ishee fayyadamuuf mirga qabachuu kaasanii, gaaffiin Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa seera qabeessaafi qajeeltoo irratti kan hundaa’e ta’uus hubachiisaniiru.Hawaasni idil addunyaa mirga Itiyoophiyaa kanaaf beekmatii kennaa akka jirus ibsuusaanii TOI gabaaseera.#Oromia #ethiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.