Magaalichatti ijaarsiifi suphaan daandii misooma kooriidarii madaalu hojjetamaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2018(FMC)- Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Magaalaa Finfinnee hojiin ijaarsaafi suphaa daandii misooma kooriidarii madaalu hojjetamaa jira jedhe.Hogganaan Hariiroo Uummataa Abbaa Taayitichaa Iyyaasuu Salamoon Faanaa Dijiitaaliitti akka himanitti, daandiiwwan magaalichaa tajaajila guutuu kennuu akka danda’aniif hojiin ijaarsaafi suphaa gaggeeffamaa jira.Kurmaana jalqabaa bara baajataa kanatti daandii kiiloomeetira 328 suphuuf karoorfamee kiiloomeetirri 393 ol suphamuu ibsaniiru.Haaluma Kanaan daandiin aspaaltii kiiloomeetirri 14fi daandiiwwan koobil istooniifi cirrachaa suphamuus eeran.Ujummoon dhabamsiisa balfa dhangala’aa kiiloomeetirri 104 suphamuu himaniiru.Daandiiwwan waggoota 20 oliif tajaajia kennaa turan fooyyessuuf diizayiniin qophaa’uu kaasanii, bifa haaraan fooyya’anii ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru.Bara baajataa kanatti daandii kiiloomeetira 854 oliif suphaa waliigalaa gochuuf karoorfamuus eeraniiru.Soosinnaa Alamaayyoon.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.