Finfinnee, Sadaasa 4, 2018 (FMC)- Jijjiiramaan as naannooleen carraa ofiin of bulchuu argatan dandeettii kuufamaa misoomsuu isaanii sirnaan fayyadamaa jiru jedhan Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyaawu Tashaagar.Afyaa’ii Aganyaaw Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwataniiru.Guyyaan Saboota Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan Naannoo Giddugaleesa Itiyoophiyaatti kabajama.Naannichi carraa ofiin of misoomsuutti fayyadamuun hojiilee misoomaa adda addaa hojjetaa jiraachus Kaasan.Kunis gaaffii ofiin of bulchuu mootummaan jijjiiramaa deebise irra darbee federaalizimii dhugaaf argisiiftuu ta’uu ibsaniiru.Afyaa’ii Aganyaaw Tashaagar, Pireezidaantii naannichaa Dooktar Indaashoow Xaasew fi qondaaltoota olaanoo biroo waliin ta’uun misooma koriidarii magaalaa Hosaanaa, ijaarsa giddugala dhaabbilee akkasumas Istaadiyeemii Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa itti kabajamu daawwataniiru.Salamoon Baayyanaatu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.