Finfinnee, Sadaasa 5, 2018 (FMC) – Guyyaa sabaaf sablamoota Itiyoophiyaa 20ffaa kabajuuf qophiin barbaachisu taasifamaa jira jedhan Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar.Koree Olaanaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshinii qophii jiru gamaaggameera.Qophiin ayyaanichi gaafatu taasifamuu gamaggamaa gooneen ilaallerra jedhan obbo Aganyahu Tashaagar.Magaalaan Hoosaa’inaa haala gahaa ta’een qophii taasiissuu eeran.Iddoolee fi bu’uuraaleen kabaja ayyaanichaaf barbaachisan hundi qophii ta’uu isaanii kaasan.Hojiileen muraasni hafan saffisaan akka xumuraman kallattiin kaa’amuu himan.Hojiilee hafan guyyoota 15 keessatti guutummaatti xumuruuf kan hojjetamu ta’uu Pireezidanatiin Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Dooktar Indashaaw Xaasew mirkaneessaniiru.Maartaa Getaachootu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.