Damee siyaasaan bu’aaleen Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesisan galmaa’an- Dooktar Tasfaayee Baljigee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 5, 2018 (FMC)- Damee siyaasaan bu’aaleen Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesisan galmaa’aniiru jedhan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Waamamaa Olaanaan Mootummaa Dooktar Tasfaayee Baljigeen.Milkaa’inoonni baroottan jijjiiramaa galmaa’an imala Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf eegalaman kan agarsiisan ta’uu eeruun, keessumaa milkaa’inoonni damee siyaasaan galmaa’an biyyattii gara boqonnaa haaraatti kan ceesisan ta’uu ibsaniiru.Loogiiwwan damee siyaasaan ture hambisuun hunda hirmaachisuuf hojiileen ijaarsa sirna diimokiraasii hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaan booda adeemsa ijaarsa mootummaa keessatti miseensota paartilee dorgomtootaa kaabinee keessatti hirmaachisuun waloon akka hojjetan taasifamuu yaadachiisuun, ijoolleen Itiyoophiyaa ilaalcha garaagaraa qaban dhimmoota biyyaalessaarratti waloon hojjechuu danda’aniiru jedhan.Adeemsi kunis diimookiraasii waliigalteerratti hundaa’e ijaaruuf jalqabbii ta’uu dubbataniiru.Waliigaltee biyyaalessaa uumuuf kan hundaa’e komishiniin marii biyyaalessaa milkaa’inoota damee siyaasaan argamaa jiran keessaa tokko ta’uus kaasaniiru.Waldhabdeewwan karaa nagaa qofa akka hiikkamaniif kallattiin kaa’amee gareewwan hidhannoon socho’an adeemsa siyaasaa karaa nagaan akka tarkaanfachiisaniif balballi banamuu; kunis aadaan siyaasaa biyyaalessaa jijjiiramuu kan mul’isu ta’uu ibsan.Rakkoolee karaa nagaan furuuf tattaaffiin mootummaan eegale bu’aa argamsiisaa jiraachuufi rakkoolee naannolee Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Somaaleefi kanneen biroo keessa turan guutummaatti furuun naannolee kanneen keessatti sosochiin misoomaa karaa nagaan gaggeeffamuu eegaluu eeraniiru.Dabalataanis naannolee Oromiyaafi Amaaraatti qaamolee hidhatanii socho’an waliin mari’achuun gara karaa nagaatti akka dhufan taasifameera jedhan.Yeroo ammaa naannolee kanneenitti balballi nagaa banamee rakkoolee jiran furuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.