Finfinnee, Sadaasa 2, 2018 (FMC) – Godina Arsii Lixaatti lafa hektaara kuma 100 fi 47 ol irratti jallisii bonaan Qamadii misoomsuuf facaasaan eegaleera.Godinichatti lafa hektaara kuma 100 fi kuma 47fi 500 irratti jallisii bonaan aanaalee godinichaa sagal keessatti qamadii misoomsuuf hojjetamaa jira jedhe Waajjirri Qonnaa godinichaa.Qonni kaleessaa rooba qofa irratti hirkatee ture yeroo ammaa jallisii bonaatiin deeggaramuun bu’aan jajjabeessaan argamaa jira jedhan Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Dooktar Abdullahii Beekaan.Aanaa Nageellee Arsiittis barana hojiileen qonnaa bal’inaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, oomisha gannaa cinatti bonas jallisiidhaan lafa hektaara kuma 35fi 500 ol irratti gandoota aanichaa shan keessatti jallisiidhaan qamadii misoomsuuf hojjatamaa jiraachuu bulchaa aanichaa obbo Ganamoo Bariisoo himan.Olyaad Ahmadiitu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.