Finfinnee, Sadaasa 2, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaan Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaatti Paarkii qindeessa Qonnaa, Warshaa Seeraamikii fi Warshaa Oomisha Waraqaa Palpi daawwataniiru.Obbo Tamasgeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, imala badhaadhinaa Itiyoophiyaan taasisaa jirtuuf Shawaan Kaabaa agarsiiftudha jedhan.Warshaaleen kunneen riifoormii biyyaalessaa damee indaastiriin eegalamanii fi hojirra oolmaa isaaf ragaa ta’uu himan.Akkasumas Itiyoophiyaan xiyyeeffannoon kan qabde damee oomishtummaaf milkaa’ina fi walitti hidhamiinsa kan uumu ta’uu eeraniiru.Warshaaleen kunneen oomishtoota ta’uu isaaniin, qabeenya haaraa gara diinagdeetti kan ida’an ta’uu kaasaniiru.Walitti hidhamiinsi dameelee kannenii oomishaa fi galtee ta’uu fi carraa hojii uumuu fi sharafa alaa hambisuu keessatti gahee olaanaa bahataa jiru jedhan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.