Guyyoottan kurnan itti aanan keessa kutaaleen biyyattii harki caalu qilleensa gogaa, aduu fi qilleensa’aa qabaatu – Inistiityuuticha

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 3, 2018 (FMC) – Guyyoottan kurnan itti aanan keessa kutaaleen Ityophiyaa harki caalu qilleensa gogaa, aduu fi qilleensa’aa qabaatu jedhe Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa.Kaaba, Kaaba Bahaa, Lixa, Giddugaleessaa fi Naannawaan Baddaa kibba Itiyoophiyaa halkanii fi Ganama qilleensa qorraa qabaatu jedhe.Kutaaleen Rooba Waqtii Bonaa 2ffaa argatan Kibbi, Kibbi Bahaa, Kibbi Lixaa ammoo Rooba salphaa hanga giddugaleessaa akka argatan ragaaleen kan mul’isu ta’uu hime.Kaabni, Giddugaleessi Lixaa, Godinaaleen Goondar, Goojjam, Beenishaanguul, Godinaaleen Baalee ammoo Rooba waqtii isaa hin eegne hammaan muraasa ta’e argachuu malu jedhe.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.