Finfinnee, Sadaasa 3, 2018 (FMC)- Joorjiyaatti xiyyaarri waraanaa kufuun loltoonni 20 fi miseensonni balallii du’uun dhagahame.Xiyyaarri waraanaa qabeenya Humna Waraanaa Turkii ta’e ‘C-130’ Azerbaajaan irraa ka’ee gara Turkiitti osoo balali’uu Joorjiyaa naannoo Mana Qopheessaa Siiginaagiitti kufuun dhagahameera.Xiyyaarichi ergama loltummaaf Kaleessa ganama Turkii magaalaa Tiraabzoon irraa gara Azerbaajaan magaalaa Gaanjaatti kan balali’e yoo ta’u, magaalaa Gaanjaa irraa gara Turkiitti osoo deebi’uu daqiiqaa 27’f raadaariin ala erga baheen booda naannawaa daangaa Joorjiyaafi Azarbaajaanitti kufe.Raayyaan Ittisa Biyyaa Turkii akka beeksisetti, balichaan lubbuun loltoota 20 fi miseensota balallii darbeera.Pirezidaantiin Turkii Reesib Xaayib Erdoohaan anga’oota Joorjiyaa waliin ta’uun hojiin caccaba xiyyaarichaa deebisuu hojjetamaa jiraachuu ibsuun, sababni balichaa qoratamaa jira jechuu isaanii RTfi Aljeezraan gabaasaniiru.Miikiyaas Ayyalaan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_orom