Finfinne, Onkoloolessa 29, 2018 (FMC) – Lammiilee miidhaa irraa eeguun ergama qaamolee nageenyaa keessaa isa tokko.Addumatti ammoo midhaa daa’immanii fi dubartoota irra ga’u ittisuun ga’ee nama hundaa ta’us poolisoonni ammoo ergama addaa qabu.Godina Harargee Bahaa aanaa Qarsaattis ta’iin uumame kanaaf ragaa dha; kaanif ammoo fakkeenya.Saajin Olaanaa Na’iimaa Jamaal poolisii Aanaa Qarsaa ti.Saajiin Na’maan Waajjira Poolisii Aanaa Qarsattii Itti gaafatamtuu kutaa dhimmaa Dubartootaa fi Daa’immaniiti.Onkoloolessa 28/2018 Utuuma akkuma yeroo maraa hojii idilee isanii raawwachaa utuu jiranii, bakka addaa Araddaa Qufaanziqi jedhamurraa eeruun tokko isaan qaqqaba, “Daaimmi tokko gatamtee jirti ” kan jedhu.Saajiin Ola’aanaa Na’iimaanis akkuma eeruun isaan qaqqabeen iddoo jedhame you ga’an daa’ima diidatti gatamee beelaa fi dheebuu irraa kan ka’e du’aa fi jireenya gidduu jiru argan.Garaan daa’ima da’ee beeku jabaachuu waan hin dandeenyeef, saajin Naa’iimaan dhimma raawwatame adeemsa ogummaan qulqulleessuun akkuma jirutti taée. lubbuu daa’imaa oolchuuf tarkaanfi jalqabaa fudhachuuf murteessan. Harma isaanii baasanii daa’imichaaf kennuun lubbuu isaa baraanuuf tarkaanfii jalqabaa fudhachuu yaada Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif kennaniin ibsaniiru.Dhiyeenya akka da’an kan dubbatan Saajin Na’imaan, carraa kana fayyadamuun harma mirgiseen daa’imicha qaqqabuu dubbatan.Daaimicha mana yaalaatti geessuun yaala barbaachisu erga kennisiisaniifii booda, waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Aanichaa waliin ta’uun kunuunsaa jiraachuu himan.Haalli fayyaa daa’imichaa yeroo ammaa Sadarkaa gaarii irra akka jirus dubbatan.Saajin Ola’aanaa Na’imaan gaarummaa, aantummaa, haadhumma fi miira tajaajiltummaa poolisiin ummataaf ittiin hojjachuu qabu qabatamaan argisiisaniiru.Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsa Aanichaa Obboo Shedin Musxafaa dirqama hojii cinatti gochi gaarummaa mul’ate kun qaamni nageenyaa keennaa aantummaa ummataa qabaachuu kan mul’isuu fi hojii fakkeenyummaa gaarii qabu, namas ta’e Uumaa biratti fudhatama qabu ta’uu ibsan.Rakkoon akkanaa fi wal fakkaataan hawaasa keessatti yoo mudatu caasaaleen nageenyaa dirqama ogummaa ba’atan keessatti gara laafummaan uummata isaanii tajaajiluu akka qaban dhaamaniiru.Abdallaa Amaantu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.