Ministeerichi Appilikeeshinii bilbilaa fayyummaa koo jedhu hojiirra oolche

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa1, 2018 (FMC) – Ministeerri Fayyaa Appilikeeshinii bilbilaa fayyummaa koo jedhu akka biyyaatti yeroo jalqabaaf hojiirra oolche jedhe.Bara 2030tti karoora tajaajila fayyaa qabame milkeessuuf hojjetamaa jira jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen sirna eegalchiisa Appilikeeshinicharratti argamuun ergaa dabarsaniin.Imaammata dhibee dursanii ittisuun hojii hojjetamaa jiru dabalataan yaalamanii fayyuurrattis xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu kaasan.Kunis teeknooloojiin deeggaramee hojjetamaa akka jiru eeran.Appilikeeshiniin har’a hojiirra oole Teeknooloojii qulqullina olaanaa qabuu fi yaalamtootarratti kan xiyyeeffate ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaaban himaniiru.Qiddist Tasfaayeetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.