Finfinnee, Sadaasa 4, 2018 (FMC)- Faayidaafi nageenya lammiilee bobbii hojiin Sa’ud Arabiyaatti argamanii kabachiisuuf hojjetamaa jira.Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa aadde Mufaariyaat Kaamil Sa’ud Arabiyaatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Dooktar Muktaar Kadir fi hoggantootaafi hojjettoota Embaasichaa waliin mari’ataniiru.Mariisaaniin haala mirgaafi faayidaa lammiilee Itiyoophiyaa Sa’ud Arabiyaatti hojiirratti bobba’anii kabachiisuun danda’amurratti mari’ataniiru.Ambaasaaddar Dooktar Muktaar Kadir wayita kana Sa’ud Arabiyaatti bu’uura waliigaltee taasifameen lammiilee Itiyoophiyaaf carraan hojii bal’aan uumamaa jiraachuu ibsaniiru.Ogeeyyii Itiyoophiyaaf Sa’ud Arabiyaatti carraan hojii bal’inaan akka mijeeffamuuf mariin qaamolee qooda fudhattootaa waliin eegalame cimee kan itti fufu ta’uus eeran.Nageenyummaan lammiilee carricha argatnii gara Sa’ud Arabiyaa dhufan eegamee kaayyoo dhufaniif milkeessanii akka deebi’aniif kutannoon kan hojjetamu ta’uus mirkaneessaniiru.Aadde Muufariyaat Kaamil gama isaaniin, walitti dhiyeenya seenaafi teessuma lafaa akkasumas carraa hojii bal’aan jiraachuu isaan bobbii hojii Sa’ud Arabiyaaf xiyyeeffannoon addaa kennamuu dubbataniiru.Karoora qabame milkeessuufis deeggarsiifi hordoffii barbaachisaan kan taasifamu ta’uu ibsuusaanii Embaasichi Faanaa Dijiitaaliif ibseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.