Konfiransiin duudhaa nageenyaafi waldanda’uu magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 4, 2018 (FMC)- Konfiransiin duudhaa nageenyaafi waldanda’uu ijaarsa biyyaafi dhalootaa Sadarkaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.Konfiransichi Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalichaan kan qophaa’e yoo ta’u waltajjicharratti Abbootiin Amantaalee, jaarsoliin biyyaa, dargaggoonnii fi bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachaa jiru.Duudhaaleen nageenyaa mandhaleen ijaarsa nageenyaaf qooda olaanaa waan qabaniif haalaan fayyadamuun barbaachisaa akka ta’e ibsameera.Imala badhaadhinaa magaalaa Finfinnee dhugoomsuuf nageenyi murteessaa ta’uufi milkaa’ina isaaf hojjechuun akka barbaachisus eerameera.Salamoon Yittaayyawutu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.