Biyyi beekumsa malee ijaaramtu hin jirtu- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 5, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan biyyi beekumsa malee ijaaramtu hin jirtu jedhan.Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa pirojektii Maaddiin Dhalootaaf Magaalaa Hayiq cinaatti mana barumsaa sadarkaa 1ffaafi Giddugaleessaa Maaddiin Dhalootaaf Lakkoofsa 1 abbaa qabeenyaa Balaayinee Kindeen ijaarame daawwanneerra jedhan.Hojii misoomaa naannoo tokkotti hojjetamu yoo deggarreefi kunuunsine naannawicha ni jijjiirra jedhan.Uummanni naannawaa magaalaa Hayiq pirojektii Maaddiin Dhalootaaf hojjetamu waan deeggareefi nageenya isaa waan kabachiiseef ijaarsi mana barumsichaa xumuramuu ibsan.Guyyaa har’aa kitaabota kuma 4 fi 250 Mana Kitaabaa Abrihoot irraa arganne mana barumsichaaf kennineerra jedhan.Hojiilee misoomaa mootummaa, uummataafi abbootii qabeenyaa naannawaa keenyatti hojjetaman haa kunuunsinu, haa deeggarru, akka milkaa’aniif cinaa haa dhaabbannu jechuun dhaamaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.