Oromiyaatti bara 2018 misooma qamadii jallisii boneen lafa heektaara miliyoona 4 misoomsuuf hojjatamaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 4, 2018(FMC)- Naannoo Oromiyaatti bara 2018 misooma qamadii jallisii boneen lafa heektaara miliyoona 4 misoomsuuf hojjatamaa jira jedhe Biiroon Kominikeeshinii naannichaa.Mootummaan jijjiiramaa cabiinsa dinagdee suphuun Itiyoophiyaa biyya fakkeenya badhaadhinaa taate gochuuf tarsiimoowwaniifi imaammata mul’ata biyyattii fullaasisuu danda’u baasuun hojiirra oolchaa jiraachuu ibseera.Mootummaan naannichaas inisheetiiviiwwan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuurra darbanii birmadummaa diinagdee biyyattii mirkaneessuu danda’an boce hojiirra oolcheen bu’aa olaanaan argamaa akka jiru eereera.Bara kana inisheetiivii misooma qamadii boneen naannichatti lafa heektaara miliyoona 4 misoomsuuf hojjatamaa jiraachuu yaadachiiseera.Hanga ammaattis lafti heektaarri miiliyoonni 1 fi kumni 200 fi kumni 55 ol qophaa’uufi lafti hektaarri kumni 600 fi kumni 34 ol ammoo sanyiin uwwifamuu ibseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.