Finfinnee, Sadaasa 7, 2018 (FMC)- Pireezidaantiin Yuukireen Vooloodmiir Zalaniskiin Dhaabbileen Inarjii biyyattii akka haaraatti kan gurmaa’an ta’uu ifoomsaniiru.Pirezidaantichi murtoo kana kan ifoomsan Hoggantoonni olaanoo Dhaabbilee Inarjii Yuukireen gocha malaammaltummarratti hirmaachuun ta’uu beeksisaniiru.Biyyattiin wayita Raashiyaa waliin walitti bu’iinsa keessa jirtuu fi dameen Inarjii qormaata keessa galetti dhaabbiileen Inarjii doolara miiliyoona 100 qisaasessuu isaanii qorannoon irra gahameera jedhan.Gochi kun lammiilee Yuukireen hedduu rifachiisuun himameera.Pirezidaanti Zalaniskin kana hordofee fuula miidiya hawaasummaa isaaniin, dhaabbilee kanneen irratti odiitii faayinaansii qofa osoo hin taane jijjiiramni hoggansaa ni taasifama jedhan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.