Finfinnee, Sadaasa 5, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Afrikaan Yaa’ii qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP30 irratti sagalee tokko dhageessisuun addunyaarratti dhaggeettii argatteetti jedhan.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Afrikaan ardii furmaataa taatee akka itti fuftuuf Itiyoophiyaan kutannoo qabdu cimsitee itti fufti jedhaniiru.Yaa’iin qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP30’n Biraazil Beelemitti gaggeeffamaa jira.Itiyoophiyaan yaa’ii qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP32 bara faranjootaa 2027 gaggeeffamu akka keessummeesituuf waan filatamteef galateeffataniiru.Hawaasni idil-addunyaa itti gaafatamummaa kana Itiyoophiyaaf waan kenneef kabaja qaban ibsuun, beekamtiin kun amantaa hawaasni idil-addunyaa tarkaanfii Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaarratti qabdu kan agarsiisu ta’uu kaasaniiru.Dabalataanis dandeettii Itiyoophiyaan sagantaalee idil-addunyaa keessummeessuuf qabdu kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru.Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti jijjiirama hiikkaa qabu fiduuf kutannoo qabaachuus mirkaneessaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.