Finfinnee, Sadaasa 5, 2018 (FMC) – Magaalaan Samaraa Loogiyaa keessummoota Fooramii Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaarratti hirmaatan simachaa jirti.Fooramiin magaalootaa Itiyoophiyaa 10ffaa Sadaasa 6 – 10, 2018tti Magaalaa Samaraa Loogiyaatti gaggeeffama.Bakka bu’oonni Magaaloota 150 ol biyya keessaafi biyyootaa ollaarraa dhufan fooramicharratti ni hirmaatu jedhame.Samaraa Loogiyaan magaalaa sabaafi sablammootni hedduun tokkummaan keessa jiraataniidha jedhan Kantibaan Magaalichaa Abduu Muusaan.Fooramiin kun kan magaalootni muxannoo walirraa qoodatan yoo ta’uu, mata duree ‘Guddinni Magaaloota Itiyoophiyaa giddugala beekumsaaf’jedhuun gaggeeffama.Abdurrahmaan Mahammaditu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.