Finfinnee, Sadaasa 5, 2018 (FMC)- Eegduun Warraaqsaa Iraan magaalaa Teehiraanitti agarsiisa miisaa’ela baalaastikiifi diroonii qopheesse.Meeshaaleen waraanaa biyyattiin agarsiisaaf dhiyeessite dandeettii Raayyaa Ittisaa ishee fi meeshaalee waraanaa hidhatte kan agarsiisan ta’uu ‘Euronews’ gabaaseera.Agarsiisa kanarratti dirooniiwwan haaraa dabalatee miisaa’eloonni baalaastikii fageenya dheeraa furguggifaman dhiyaachuun daawwatamaa jiru.Lammiileen biyyattii agarsiisa kana daawwatan amantaan dandeettii Raayyaa Ittisaa biyya isaaniirraa qaban dabaluu ibsaniiru.Miikiyaas Ayyalaan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.