Tapha gulaallii Seekaafaa kallattiin Faanaa + siin

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 6, 2018 (FMC) –Tapha Gulaallii jalqabaa Waancaa Bahaa fi Giddugaleessaa Afrikaa umrii waggaa 17 gadii Itiyoophiyaan Ruwaandaa waliin taphattu Faanaa ‘Plus’ kallattiin tamsaasa.Taphichi har’a waaree boodaa sa’aatii 10:00 irraa eegalee Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti taphatama.‎Tapha Waancaa Seekaafaa qopheessummaa Itiyoophiyaan gaggeeffamu kanarratti biyyoonni Bahaa fi Giddugalessa Afrikaa 10 ni hirmaatu.Taphichi Sadaasaa 6 – 23, 2018tti taphatama.Falmii har’a sa’aatii 10:00 eegalee gaggeeffaamu kana Faanaa + siin kallattiin hordofaa.