Naannichatti dhukkuba Heemooraajik Fiivar ittisuufi to’achuuf hojjetamaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 5, 2018( FMC)- Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti dhukkuba Heemooraajik Fiivar ittisuufi to’achuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Fayyaa naannichaa.Ministeerri Fayyaafi Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa ibsa tibbana baasaniin dhukkubni Heemooraajik Fiivar Naannoo Kibba Itiyoophiyaa magaalaa Jiinkaatti mudachuu ibsuun kan yaadatamudha.Dhukkubichi akka hin babal’anneefi yoo mudates ariitiin ittisuuf naannoleen qophii taasisaa jiru.Hogganaan Biiroo Fayyaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa obbo Saamu’eel Daargee Faanaa Dijiitaaliitti akka himanitti, dhukkuba Heemooraajik Fiivar dabalatee dhukkuboota yaaddoo fayyaa hawaasaa ta’an ittisuufi to’achuuf qophaa’ummaan damee fayyaa cimuu qaba jedhan.Biirichi dhukkubicha ilaalchisee hoggantoota hospitaalota naannichatti argaman waliin mari’achuun hojiilee hubannoo uumuufi hordoffii taasisuu akka eegale ibsaniiru.Sadarkaa dhaabbilee fayyaafi hawaasaatti sirna hordoffii cimsuun fi sirna odeeffannoof xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.Ministeera Fayyaa, caasaalee fayyaa godinaaleefi aana addaa akkasumas hospitaalota naannichatti argaman waliin qindoominaan hojjetamaa akka jirus dubbataniiru.Admaasuu Arraagaawuun.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.