Aagee Yaadachuu jedhamti. Godina Wallagga Lixaa aanaa Boojjii Coqorsaatti dhalattee guddatte. Barnootasheen Yunvarsiitii Dambidoolloo Irraa bara 2016 digirii jalqabaan eebbifamte. Har'a garuu kophee qulqulleessaa jirti.