Finfinnee, Sadaasa 5, 2018 (FMC)- Adeemsa marii biyyaalessaa irratti paartileen siyaasa hedduun hirmaataniiru jedhan Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan.Komishinichi paartilee siyaasaa waliin waltajjii marii guyyoota lamaaf turu gaggeessaa jira.Piroofeesar Masfin Ara’aayaan wayita kana, adeemsa marii komishinichi gaggeessaa jirurratti paartileen siyaasaa garaagaraa dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.Bu’aa qabeessummaa adeemsa mariif hirmaannaan paartilee siyaasaa murteessaa ta’uu kaasanii, adeemsa marii kanarratti paartileen siyaasaa hedduun dammaqinaan hirmaachaa turuu yaadachiisaniiru.Paartileen siyaasaa hanga ammaatti hin hirmaanne jiraachuu eeruun, paartileen kunneen yeroo itti aananitti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.Milkaa’ina kaayyoo komishinichaaf hirmaannaan paartilee siyaasaa murteessaa ta’uus hubachiisaniiru.Hirmaannaan qaamolee hundaa rakkoolee biyyaalessaa harkifachaa dhufan waaraan furuuf kan dandeessisu ta’uus dubbataniiru.Amalawarqi Makuwaanintitu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.