Fooyya’iinsi miindaa dhiibbaa jireenyaa hojjetaa mootummaa salphisuu keessatti qooda qaba

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 12, 2017(FMC)- Konfedereeshiniin Waldaalee Hojjettootaa Itiyoophiyaa fooyya’iinsi miindaa dhiibbaa jireenyaa hojjetaa mootummaa salphisuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhe.Akka Pireezidaantiin Konfedereeshinichaa obbo Kaasaahuun Foolloo jedhanitti, deebii mootummaan haala diinagdee hojjettoota mootummaa qorachuun kenne kan dinqisiifatamudha.Fooyya’iinsi miindaa hojjettoota mootummaa bara 2018 irraa eegaluun hojiirra oolchuuf karoorfame hojjettoota mootummaa galii dhaabbiin jiraataniif hanga ta’e boqonnaa kan kennuuf ta’uu ibsaniiru.Fooyya’iinsi kun dhiibbaa jireenyaa miindeffamtoota miindaa gadi aanaan qacaramanii salphisuuf shoora olaanaa qabaachuus kaasaniiru.Mootummaan miindaa fooyyessuurra darbee hangi miindaa hojjettoota mootummaa inni gadi aanaan Birrii kuma 6 akka ta’u murteessuun bu’aa qabeessummaa gaaffii hojjettoonniifi konfedereeshinichi barootaaf gaafachaa turanii kan agarsiisudha jedhan.Fooyya’iinsi miindaa kun kaayyoo qabameefirra akka ooluuf sirna daldalaa sadarkaan jirurratti to’annoo cimaan godhamuu akka qabu eeraniiru.Kutannoo mootummaan miindaa fooyyessuun argisiise dhaabbileen dhuunfaas hordofuu akka qaban yaadachiisaniiru.Mooliittoo Eeliyaastu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.