Finfinnee, Hagayya 10, 2017(FMC) – Naannoo Oromiyaatti riqaaleen gandoota baadiyyaa fi aanaa walquunnamsiisan 65 tumsa mootummaa fi dhaabbata miti mootummaan baasii Birrii miIliyoona 400 oliin ijaaramaa jiraachuun ibsame.Ijaarsi riqaalee kanneenii guutummaatti waggaa sadii keessatti xumuramuun tajaailaaf banaa ta’u.Baasiin ijaarsa riqaalee kanneeniif ramadame %80’n baajeta mootumaa yoo ta’u, %20’n ammoO tumsa dhaabbata mit-mootummaa “Helvetus International” jedhamuun kan uwwifamuu dha.Riqaalee kanneen keessaa 50 xumuramanii hawaasa tajaajiluu eegaluu dhaabbatichatti Ittigaafatamaan Tumsaa fi Misoomaa Tafarraa Alamaayyoo Faanaa Miidiyaa Korporeeshinitti himaniiru.Riqaalee kanneen keessaa tokko Godina Shawaa Lixaa Aanaa Iluu Galaanitti baasii Birrii miiliyoona jahaan ijaaramee xumuramuun har’a taaajilaaf banaa kan ta’eedha.Riqichi meetira 85 dheeratu kun gandoota baadiyyaa sadii walquunnamsiisa.Riqichi ijaaramee xumuramuun tajaailaaf banaa ta’uun rakkoo namaa fi beelladoota irra barootaaf ga’aa ture kan fure ta’uu jiraattonni ibsaniiru.Akka Godina Shawaa Lixaatti riiqaaleen akkasii afur Birrii miliyoona 25 oliin ijaaramanii xumuramuu Ittigaafatamaan Waajira Daandiiwwanii fi Loojistiksii Godina shawaa Lixaa Injinar Qananiisaa Abdiisaa dubbataniiru.Hawaasni bu’uuraalee misoomaa rakkoo furuuf mootummaan ijaaraa jiru akkanaa kunuunsuun itti fayyadamuu akka qabus hubachiisaniiru.Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.