Finfinnee, Hagayya 10, 2017(FMC)- Tapha Piriimar Liigii Ingilaandi sagantaa torbee jalqabaan Aston Viilaafi Niwukaasil Yuunaayitid goolii malee qixa bahan.Astoon Viilaan sa’aatii 8:30 irratti dirree isaarratti Niwukaasil Yuunaayitidiin keessummeesseera.Taphichaan Eezrii Koonsaan badii dalageen kaardii diimaan dirree keessaa baheera.Sa’aatii 11:00 irratti Tootanhaam Berniileey waliin, Biraayitan Fuulhaam waliin akkasumas Sandarlaand Weestihaam waliin kan taphatan ta’a.Galgala sa’aatii 1:30 irratti ammoo taphni Woolvis fi Maanchistar Siitii ni eegama.Tapha jalqabaa Piriimar Liigii Ingilaandi torbee jalqabaa guyyaa kaleessa taphatameen Liivar Puul Bernimaawuziin goolii 4 fi 2’n injifachuun ni yaadatama.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.