Finfinnee, Adoolessa 20, 2017 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Daayirektara Olaanaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa Kuu Doongiyuu waliin mari’ataniiru.Dooktar Abiy gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin,“Yaa’iin 2ffaa Sirna nyaataa Mootummoota Gamtoomanii Magaalaa Finfinneetti wayita gaggeeffamuutti Daayrektarri Olaanaa FAO Kuun Doongiyuun baga nagaan gara Itiyoophiyaa dhuftan” jedhaniiru.Misooma qonnaa itti fufiinsa qabuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf taattaffii taasifamuu keessatti FAO’n michuu Itiyoophiyaa ta’uu itti fufeera jechuun ibsaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.