Finfinnee, Adoolessa 20, 2017 (FMC)- Barreessituu Itti Aantuun Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa irratti hirmaachuuf Magaalaa Finfinnee galaniiru.Itti aantuun Barreessituu kan wayita Buufata Xiyyaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan simatamaniiru.Yaa’iin 2ffaa Sirna nyaataa Mootummoota Gamtoomanii har’a irraa eegaluun hanga Adoolessa 22, 2017 tti magaalaa Finfinneetti gaggeeffama.Dabalataniis Ministirri Muummee Itti aanaan Kuubaa, Ministirri Ministeera Qonnaa Neepaal, Ministiroonni Karoora biyyaalessaa Moorookoo , Yoordanoos, fi Indooneezhiyaa akkasumas Ergamaan Addaa Pireezidaantii Faransaay Yaa’icharratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.