Finfinnee, Adoolessa 23, 2017 (FMC)- Seenessa waloo ijaaruuf miidiyaaleen qindoomanii hojjechuun ga’ee guddaa taphata jedhan Waajjira Muummee Badhaadhinaatti, Ministirri Ittigaafatamaan Hariiroo Uummataa fi Idil addunyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa. Dameen Hariiroo Uummataa fi Idil addunyaa Paartii Badhaadhinaa hoggantootaa fi ogeeyyii hariiroo uummataa dhaabbilee federaalaa wajjin mar’ataa jira.Dooktar Biqilaa Hurrisaa wayituma kana akka jedhanitti, seenessa qeentee naannawaa fi qoqqoodaa balleessuuf qindoomanii hojjechuun barbaachisaa dha.Itiyoophiyaatti nagaa fi seenessa waloo waaraan baballisuuf miidiyaaleen hojjechuu, waan hojjetan irra deddeebiin dubbachuu fi karaalee adda addaa odeeffannoo biyyaalessaa sirrii tamsaasuu akka qabanis hubachiisaniiru.Miidiyaalee biyya keessas ta’e biyya alaa taa’anii biyya diiguuf odeeffannoowwan dogoggoraa tamsaasanis hordofamaa akka jiran eeraniiru.Zuufaan Kaasaahuntu gabaase.#Oromia #Ethiopia Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.