Manni Maree Naannoo Somaalee baajata Birrii biiliyoona 65.7 raggaasise

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017(FMC) – Manni Maree Naannoo Somaalee baajata bara 2018 Birrii biiliyoona 65.7 raggaasise.Manni marichaa wixinee baajata naannichaa bara 2018 irratti mari’atee raggaasiseera.Baajata raggaasifame keessaa birrii biiliyoonni 36.9 waajjiraalee damee naannichaaf, birrii biiliyoonni 27.4 ammoo anaaleef, bulchiinsa magaalotaa fi manneen qopheessqaf ramadameera.Birriin biiliyoona 1.4 hafe ammoo galmoota misooma itti fufiinsa qabuuf kan oolu ta’uu mootummaan naannichaa Faanaa Dijitaaliif ibseera. Baajanni kun baajata bara 2017 irraa dhibbeentaa 62n kan caalu dha.Dhibbeentaan 50 galii naannichatti sassaabamu irraa kan argamu yoo ta’u, dhibbeentaan 50 kan hafe deeggarsa mootummaa federaalaa fi gargaarsa biyya alaa irraa kan argamu ta’uun ibsameera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.