Godina Harargee Lixaatti duulli dhaabbii Biqiltuu guyyaa tokkoo gaggeeffamaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Godina Harargee Lixaa Aanaalee Baddaa Godinichi qabuu keessaatti duulli dhaabii biqiltuu ashaaraa magariisaa mata duree “Dhaabuun Bayyanachuu”jedhuun gaggeeffamaa jira.Duulli dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuu aanaalee Baddaa godinnichaa keessatti kutaalee hawaasa garaagaraa hirmaachisuun gaggeeffamaa jira.Af Yaa’ii ittaanaan Caffee Oromiyaa obbo Eeliyaas Uummataafi Bulchituu Godina Harargee Lixaa Aadde Ikraam Xahaa dabalatee hoggansi sadarkaa Godinaa, Aanaafi qaamoleen hawaasa garaagaraa bakka argamanitti aanaa Gammachiisitti gaggeeffamaa jira.#Oromia #Ethiopia