Hariiroo uumamaafi dhala namaa sirnaan walitti hidhuun murteessadha – Piroofesar Birhaanuu Naggaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Hariiroo uumamaafi dhala namaa sirnaan walitti hidhuuf sagantaan ashaaraa magariisaa murteessadha jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan.Saganticharratti hirmaachuun dirqama lammiilee hundaa ta’uu akka qabu eeran.Biyya dhaloota egereef mijattuu taatuu ijaaruuf itti gaafatamummaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu himan Piroofesar Birhaanuun.Dhaloonni dhufu barnoota qofa osoo hin taane addunyaa mijooftuu dhaalu qabu, kana milkeessuuf lammiileen hunduu itti gaafatamummaan sagantaa ashaaraa magariisaa irratti hirmaachuu akka qaban Piroofeesar Birhaanuun yaadachiisaniiru.Ashaaraan magariisaa siyaasaa ol akka ta’e kaasan.Hariiroon dhalli namaa uumama waliin qabu beekumsarratti hundaa’uu qaba jechuun ibsan.Hoggantoonnii fi Hojjettoonni Ministeera Barnootaa fi dhaabbilee waamamtootaa Magaalaa Finfinnee Piroojektii Qarqara Laga Ginfilleerra biqiltuu dhaabaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.