Hojiilee badhaadhina Itiyoophiyaa milkeessan keessaa ashaaraan magariisaa tokko- Abbee Saannoo

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Hojiilee ijoo badhaadhina Itiyoophiyaa milkeessan keessaa ashaaraan magariisaa tokko jedhan Pireezidaantiin Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Abbee Saannoon.Hoggantoonniifi hojjettoonni Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu aanaa Akaakootti biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabaniiru.Abbee Saannoon wayita kana akka jedhanitti, hojiin ashaaraa magariisaa dhaloota egereef ashaaraa guddaa kaa’uudha.Baankichi waggoottan darbanitti saganticharratti dammaqinaan hirmaachuun itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachaa akka ture yaadachiisaniiru.Biqiltuuwwan bankichaan dhaabaman kunuunfamuun % 90 latuus ibsaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FBC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.